Gara Fuula Kanaa Baga Nagahaan Dhuftan! (Wel Come to This Page)

Macaafni Qulqulluun Wangeela Yohannis 3:16 irratti “Akka namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii” jechuudhan ni dubbata. Haaluma kanaan Musliimota hojii fayyisuu Yesus fudhataniif jireenyi barabaraa ni jira. Kaayyon fuula kanaa bifa lama qaba. Inni duraa Kiristiyaanonni  michoota isaanii Musliimotaaf dandeettii wangeela geessuu akka guddifatan gargaaruu yoo ta’u kaayyon inni lammataa immoo Musliimota Waaqayyo barbaadaa jiran gara dhugaatti akka dhufan gargaarudha.

Hojii Ergamootaa 17:23 irratti Phaawuloos warri Magaalaa Ateensi keessa jiraatan “Waaqa hin beekkamne” yemmuu waaqeffatan argee isaan Waaqa hin beekkamne jedhanii inni waaqeffatan kuni Yesusin akka of mul’ise dubbachuudhan wangeela lallabee jira. Yeroo ammaa kana haala wal fakkaatu firoota keenya Musliimota biratti ni agarra. Isaanis Waaqayyo waaqa hin beekkamnee fi uumama isaa iraa kan of fageesse fi kan of foo’edha jedhaniit amanu. Kiristiyaanummaan garuu Waaqayyo nu uumama isaatif dhihoo fi nu waliin walitti dhufeenya dhuunfaa kan hayyamu akkasumas “yaa Abbaa keenya” jennee waamuu kan dandenyu akka ta’e nutti hima. Dabalataanis nuti Kiristiyaanonni kadhannaa keenyayyuu kan eegallu “yaa Abbaa eenya” jenneeti. Carraa walitti dhufeenya bareedaa kana firoonni keenya Musliimonni osoo itti fayyadamanii silaa akkam nama gammachiisa ture. Garuu isaan walitti dhufeenyi isaan waaqa isaanii waliin qaban kan akka gooftaa fi garbichaa ta’uu qaba jedhaniit amanu. Maddi jecha “Islaam” jedhu kanaatuu yoo hiikamu of yookin miira ofii gadi dhiitanii bitamuu (bulchuu) jechuudha.

Wangeela Matewos 28 lakkoofsa 19-20tti ajajni Yesus inni dhumaa “Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaatiin, maqaa Hafuura Qulqulluutiinis  cuuphaatii barattoota godhaa; Akka waan ani isin ajaje mara eeganiifis isaan barsiisaa” kan jedhuudha. Wangeela intarneetidhaan babal’isuun kaayyoo keenyadha. Sabni Kiristoos dandeettii Musliimotaaf dhugaa ba’uu isaanii guddisuun fedhii keenyadha.  Obboleewwan keenya Musliimonni dhugaa fi jireenya barabaraa aargachuu akka danda’aniif waltajjii kana irratti gaafilee isaanitiif akka deebii argatan ni feena.

Pirojektii kana irratti hirmaannaa gochuu yoo barbaaddan, gaaffii yookin ilaalcha yoo qabaattan, yookin immoo odeeffannoo barbaachisoo nuuf erguu yoo barbaaddan teessoo imeelaa armaan gaditti argamuun nuuf ergaa. Yeroo dhihoo keessattis odeeffannoowwan dabalataa heddu waan daballuuf yeroo yeroodhan nu daawwadhaa.

Teesson imeelaa islaamummaadhafdeebii(at)gmail.com yookin rlife03(at)gmail.com

Islaamummaadhaf Deebii garee Afaan Oromoo

Welcome to Answering Islam Afan Oromo

The bible says "For God so loved the world that he gave his one and only Son, that whoever believes in him shall not perish but have eternal life" (John 3:16). In this regard, eternal life is what is available for Muslims who accept the saving work of Christ.

The main purpose of the Amharic section of Answering Islam is two-fold. Firstly, we want to present the truth to Muslims so that they may understand the gospel and come to know the truth. Our second objective is to equip Christians in being effective witnesses to Muslims. As we find in Acts 17:23 Paul discovered that the people in Athens worshiped the ʽunknown godʼ and it is in this regards that he preached the gospel to them telling them that the god they worship as the unknown has revealed himself through Christ. Likewise, we find the same occurrence with our Muslim friends. That is to say, their view of God is one of unknowable, distant God who is separate from his creation. Yet Christians affirm that God is relational and that we call him father and could know him personally. Moreover, the Lord's prayer starts by the affirmation of ʽOur Fatherʼ and this is what Muslims could experience. However, Muslims' perception of their relationship with God is one of a slave and master; what is required of Muslims is just to obey and submit (as the word Islam itself means that.)

The last instruction of Jesus, as found in the Gospel of Matthew (28), is to go into all the world and make disciples of all nations. We aim to share the gospel through the internet, to equip the body of Christ into being an effective witness to Muslims and to help Muslims to find answers to the question they may have in order that they will encounter the truth found in Jesus Christ.

 It would be good to hear from you, be it related to a question or a comment you would want make. In the near future we are going to have more materials uploaded and we would encourage individuals who are interested in contributing materials of relevance to contact us.

The Afan Oromo team of Answering Islam

 Email Us:    islaamummaadhafdeebii(at)gmail.com or rlife03(at)gmail.com

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa